Akeeka
RSQBO
Kaayyoo
bilisummaa ummata Oromoo milkoomsuuf hojii Addi Bilisummaa Oromoo
(ABO) geggeessu keessa tokko hojii beeksisii ti.
Haala
yeroo ammaa keessa jirru waliin yoo ilaalame, hojiin beeksisii
kaayyoo bilisummaa akka tarkaanfachiisutti hin geggeeffamne kan
jedhu komiin qabsaawota irraa ni dhagahama. Barnooti addaddaa,
qormaata irratti kan hundaa'an, kanneen saba keenya qabsoo hadhaa'aaf
qopheessan, yoom caalaa barbaachisaa akka ta'an shakkisiisaa miti.
Raadiyoon Sagalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (RSQBO) sabboonummaa
Oromoo misoomsuuf, tokkummaa qabsaawotaa jabeessuuf, haala dimokrasii,
mirgaa fi dantaa ummata Oromoo hawaasa barsiisuuf meeshaa qabsoo
bilisummaa ta'ee tajaajila kenna. Odeeffannoo fi barumsa dhugaa
argachuuf mirga hawaasi Oromoo qabu RSQBOn ni kabaja; mirgi kun
akka tiksamu ni falma. Olola dhara tokkummaa qabsaawotaa fi kaayyoo
bilisummaa Oromoo irratti geggeessamu dura dhaabbata; hawaasi
akka hin dogoggorre dhugaa qoratee dhiheessa.
RSQBO
akeeka armaan olitti tuxxuqaman bakkaan gahuuf jalqabame.
Hawaasa
barsiisuuf qabxii RSQBOn irratti xiyyeeffatu:
Sagantaan
raadiyoo kun gargaarsa, yaadaa fi qabeenyaa hawaasa Oromoo irraa
argamuun akeeka ofii dhugoomsuu danda'a. Sagantaan qophaawu quubsaa
akka ta'u jalqabaa hanga dhumaatti tumsi hawaasaa, keessaayyuu
tumsi ogeeyyii fi qabsaawota Oromoo murteessaa dha.
Akaakuun
tajaajila sagantaa kanaa boonsaa fi bu'a qabeessa akka ta'u, yeroo
irraa yerootti akka gabbatuu fi akka misoomu taasisuuf waliif
ha birmannu.
Injifannoo
Ummata Oromoof!
Qaama
Cehumsaa ABO